ONM-ABO Eebla 1, 2025
Murni dantaa dhuunfaa isaa qofaaf jiraatuu fi dafqa haadha hiyyeessaa saamuun of jireessuu aadeffate Bilxiginnaan gochoota badii isaa ittuma fufuun, godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Gobbuu Waldaa jedhamu irraa maqaa “ijaarsa waajjira gandaa” jedhuun afaan qawwee itti qabuun hawaasa dirqisiisanii qarshii kuma tokko tokko humnaan irraa guuraa jiraachuu maddeen ONM’f eeranii jiru.
Sirni badee balleessaan Itoophiyaa kun yeroo yeroon maqaa kaffaltii adda addaa waliin isaa hin beekamnee fi nagahee tokko hin qabneen galii mootummaa guddisuu maqaa jedhu dawoo godhachuun jiraattota irraa qarshiin guuramaa kan turee fi ammallee ittuma fufee humnaan kan guuramaa kan jiru ta’uu kan himan jiraattonni, akka gandichaatti wayita ammaa kana hawaasa ofiifuu waan nyaatanii bulan dhabanii rakkoo ulfaataa keessa jiran ergamtootni Bilginnaa ammoo aangoo fi afaan qawwee fayyadamanii saamicha ulfaataa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ONM’f ibsanii jiru.

