• Wed. Nov 25th, 2026

Traamp daawwannaan isaan biyya alaatti taasisaan kan jalqabaa ji’a dhufutti Sa’uudii Arabiyaa ta’uu mirkaneessan

Apr 2, 2025

ONM-ABO Eebla 1, 2025 

Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Wiixata kaleessaa daawwannaa biyya alaatti taasisan isa jalqaba Sa’uud Arabiyaatti akka taasisan ibsame. Biyyoota Galoo Galaanaa biroo hammachuudhaaf imala isaa dheeressuu akka danda’us agarsiiseera.

“Ani Baha Giddu Galeessaa waliin hariiroo baay’ee gaarii qaba,” kan jedhan Tiraamp, hariiroo isaanii mootii Sa’uudii Salmaan fi mootii gonfoo Mohaammad Bin Saalmaan waliin qaban ibsaniiru. 

Traamp daawwannaan isaanii waliigaltee Waashingitan fi Riyaad gidduutti maallaqa gara doolaara tiriliyoona 1tti tilmaamamu xumuruu irratti akka xiyyeeffatan ibsaniiru. Hogganaa biyya alaa waliin erga aangoo qabatanii booda yeroo jalqabaaf Mahaammad Biin Saalmaan waliin haasa’uun waggoota afran dhufan keessatti Sa’uud Arabiyaan US keessatti doolaara biiliyoona 650 invast gochuuf fedhii akka qabdu ibsaniiru.

Akka Tiraamp jedhanitti, invastimantiiwwan kunneen Ameerikaanotaaf hojii uumuutti ni jijjiiramu. “Kanaaf, doolaara biliyoona dhibbaan lakkaa’amu baasuun dhaabbilee Ameerikaa Sa’uudii Arabiyaa fi iddoowwan biroo Bahaa keessatti meeshaa hojjechuuf deemaniif kennuufi,” jedhan jechuun Al Arabiyaa English gabaaseera.

Leave a Reply