• Sat. Mar 14th, 2026

Kutaalee Oromiyaa fi impaayerattii guutuu keessatti maqaa hiriira deggersaa koloneel Abiy Ahimediif jedhuun geejjibni dhaabbatee ooluu fi miidhaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuun ibsame

Apr 3, 2025

ONM-ABO Eebla 2, 2025 

Murni faashistii PP uummata ajjeesaa rakkoolee fi gaaga’ama mataa isaatiin uumes ija addunyaa jalaa dhugaa saba bal’aa dhoksuuf jecha waraanaa fi angaa’ota isaa kanneen maallaqaan bite dirqiin uummatatti bobbaasuun kabaja aangoo qabachuu isaatiif guyyaa har’aa Eebla 2, 2025 guutuu Oromiyaa keessatti geejjiba dhaabsisuun sochii hawaasaa danqaa ooleera.

Keessattuu kaleessa Eebla 1, 2025 waaree booda irraa eegalee duulli hiriira deggersaa koloneel Abiy Ahimediif taasifamu bifa qindaawwaan magaalota Lixa Oromiyaa, Giddu Galeessa Oromiyaa, Kibba Oromiyaa, Kaaba Oromiyaa, Baha Oromiyaa fi handhuura Oromiyaa Finfinnee dabalatee hawaasni jumlaan walitti qabamaa kan ture yoo ta’u, barreeffamoota adda addaa dirqiin barreessuun kanneen sirnichaaf amanamoo ta’anitti kaabinootni sirnichaaa hiruun geggeessaa ooluu  ONM odeeffateera.

Hirmaattonni hiriirichaas  hojjettoota, barattoota, barsiisota fi jiraattota hunda of keessatti kan haammatu yoo ta’u, kanneen irraa hafan cuftuu tarkaanfiin tajaajila hawaasaa irraa kutuu akka irratti fudhatamuuf guyyoota muraasa dura humnoonni milishaa fi waraanaa manneen hawaasaa irra deemuun doorsisaa fi sodaachisa adda addaa taasisaa akka turan ifoomeera.

Geejjiba dhaabsisuu hordofees namoonni rakkoolee adda addaa qaban keessattuu kanneen manneen yaalaa deemuu fi hojiilee dhuunfaaf imala qaban guyyoota lamaaf danqamaa akka jiran itti dabaluun jiraattonni ONM’f yaada isaanii qoodaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading