• Mon. Mar 16th, 2026

Kutaalee Shaggar Siitii adda addaa keessaa murni Bilxiginnaa maqaa lakkoofsa manaa haaressuu jedhuun irra deddeebiin qarshii 6000 guuraa jiraachuun himame

Apr 3, 2025

ONM-ABO Ebla 2, 2025 

Gareen badii Bilxiginnaan bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii kutaalee akka Buraayyuu, Galaan, Sabbataa, Laga Xaafoo, Laga Dhaadhii fi kanneen biroo hedduu keessaa tibbana bifa haarawaan uummata manneen achi keessaa qaban cufa irraa haaromsa lakkoofsa manaa jechuun qarshii 6000 irraa guuraa akka jiran jiraattonni ONM’tti himan.

Murni Bilxiginnaa gam-tokkoon jiraattotaaf beekamtii lafaa fi manneen isaa irratti kennaa gama biraan ammoo manneen irratti diigsisaa kan jiru yoo ta’u, namootuma maqaa haaromsa lakkoofsa manneeniiin maallaqa harkaa saamaa jiran irratti yeroo isaan manneen irratti diigantu mul’achaa jira jechuun jiraataan bulchiinsa magaalichaa kan rakkoo nageenya isaaf jecha maqaan isaa akka eeramu hin feene tokko yaada isaa ONM’f qoodeera.

Akka jiraataan kun jedhutti humni manneen irra deemee maallaqa guuru kan biraa, kan waa’een lakkoofsa manneenii nu hin ilaallatu jedhu kan biraa ta’uun, osoo nuti heyyama seerawaa qabnuu nu irratti dhiibbaa taasisaa jiru jechuun dubbata.

Magaalaa Shaggar Siitii kana keessatti jiraachuun ulfaataa ta’uu himuun, qabeenyaan barbadaa’uu qofa mitii, lubbuun jiraachuufis milishaan osoo hin hafne maallaqa dhuunfaatti namoota irraa guyya guyyaan guuraa jiraachuu jiraattotni ibsu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading