ONM-ABO Ebla 2, 2025
Poolisiin Zimbaabuwee akka jedhenitti, hiriira pirezidaantiin Emmerson Minangagwaa akka aangoo gadhiisu gaafatu irratti hirmaachuu isaaniitiin namoota 95 to’annoo jala oolchuu isaanii dubbataniiru.
Poolisiin magaalaa guddoo Zimbaabuwee Hararee fi magaalonni biroo Wiixatatti dheengaddaa, karoora bulchiinsa Minangagwaa dheeressuuf yaadame mormuun waamicha taasifame fashaleessuu irratti baay’inaan bobba’anii turan.
Paartiin Zimbaabuwee Zanu-PF ji’a Amajjii keessa akka jedhetti, hanga bara 2030tti yeroo Minangagwaa aangoo irtatti dheeressuu barbaada.
Minangagwaan nama ganna 82 yoo ta’u, Roobart Mugaabeen erga fonqolcha waraanaan aangoo irraa kaafamee booda bara 2017 aangootti dhufe.
Dhiiraa fi dubartoonni to’annaa jala jiran Kibxata darbe mana murtiitti dhiyaataniiru. Namoota 200 kan Addabaabayii Bilisummaa Haraaree irratti walitti qabamanii turan keessaa tokko yoo ta’an, poolisiitti dhagaa darbachuu fi yeroodhaaf daandii guddaa ugguruun kanneen himataman akka ta’e kooppiin poolisii dhaabbati oduu AFP caqase ni mul’isa.
Dhaadannoowwan akka “ni ga’a” fi “Minangagwaan aangoo gadhiisuu qaba” jedhu jechaa turan.
Humnoonni nageenyaa Wiixata dheengaddaa daandii magaalaa guddoo irratti bobbaafamaniiru, hiriirris daangeffamaa ture, garuu manneen daldalaa, manneen barnootaa fi daldaltoonni waan namoonni hedduun cufamanii turan jechuun Aljazeraan gabaaseera.

