• Tue. Nov 24th, 2026

Baha Wallaggaa Aanaa Jimmaa Arjootti gubaatiin manneenii fi saamichi waraana faashistii PP’n hammaachuun jabaate

Apr 4, 2025

ONM-ABO Ebla 3, 2025 

Godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Haroo jedhamutti waraanni faashistii PP Bitootessa 26, 2025 maqaa sakattaa WBO’n bobbaafamuun manneen lama kan: 

  1. Obbo Haliimaa Rashiid fi 
  2. Obbo Bayyaan Ahimad yakka tokko malee meeshaalee mana keessaa guutummaa waliin ibidda itti shiduun gubanii barbadeessuun ibsameera.

Kana malees shiftoonni koloneel Abiy Ahimed jiraattota ganda Badhaasaa Dhidheessaa kan ta’an: 

  1. Abbabaa Kabulee jalaa loon tokko rasaasaan rukutuun yoo nyaatan, 
  2. Obbo Galaanaa Hambisaa jalaa Hoolota ooffachuu fi 
  3. nama maqaan isaa Obbo Abarraa Wayyeessaa jedhamu jalaa ammoo qarshii 1400 saamanii deemuun ibsameera.

Taateewwan tibbana godina Baha Wallaggaa aanaalee adda addaatti waraanni maafiyaan PP maqaa sakkattaa WBO’n adeemsisaa jiru haalaan rakkisaa akka ta’e jiraattonni ONM’tti himuun, saamichaa fi hidhaan bifa haarawaan hawaasa irratti waraana sirnichaan labsamee jirus jireenya akka itti hadheessaa jirus dubbatu.

Leave a Reply