• Fri. Nov 20th, 2026

Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbee keessatti murni PP hidhaa uummata irratti jabeessuun dhaga’ame

Apr 4, 2025

ONM-ABO Ebla 3, 2025 

Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Odaa Gudayyaa keessatti Bitootessa 29, 2025 caasaaleen murna Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii:

  1. Goobanaa Kabaa, 
  2. Haayiluu Xilahuun fi 
  3. Murteessaa Darajjee jedhaman 

sababa tokko malee osoo isaan gara magaalaa deemaa jiranii daandii irratti ukkaamsuun mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Humnaa fi aangoo isaatti dhimma ba’uun mirga lammiilee sarbaa kan jiru murni PP, saboota impaayerattii keessaa addatti ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun biyya abbaa isaa Oromiyaa irratti mirga lubbuun jiraachuu sarbuun hawaasa bittaa fi gurgurtaaf gabaa ba’an gaaffii seeraa tokko malee ukkaamsuun kan himamu oggaa ta’u, haalli bulchiinsa magaalaa Baakkoo fi gandoota baadiyyaa keessatti raawwachaa jiran ulfaataa  ta’uus itti dabaluun ibsaniiru.

Waraanni PP goleewwan Oromiyaa keessatti bobbaafamuun dantaa murna tokkoof jecha saba guddaa gidirsuu fi yeroo irraa gara yerootti dararaa ulfaataa Oromoota irratti dalaguun ba’aaf gala dhorkanii jireenya gadadoof saaxilaa jiru.

Leave a Reply