• Tue. Nov 24th, 2026

Baraartonni Gaazaa keessatti haleellaa gamoo UN irratti Israa’el raawwatteen ijoolleen 9 du’uu himan 

Apr 4, 2025

ONM-ABO EBLA 3, 2025 

Waraanni Israa’el Roobii kaleessaa akka jedhetti mooraa baqattootaa Jabaliyaatti haleellaa hidhattoota Hamaas irratti xiyyeeffachuun raawwachuu yoo ibsu, Ejensiin Ittisa Siivilii Gaazaa ammoo haleellaan kun namoota 19 isaan keessaa 9 daa’imman kan ta’an ajjeese.

Waraanni kun ibsa kenneen bakki kun kan hidhattootni “wiirtuu ajajaa fi to’annoo sochii shororkeessummaa qindeessuuf itti fayyadamaa turan” akka ta’e yoo ibsu,  addatti AFPn gamoo kana kilinika UN akka kaa’e mirkaneesse.

Dubbi himaan Ittisa Siivilii Maahmud Baasal akka jedhanitti, haleellaa “gamoo UNRWA kilinika yaalaa keessa jiru irratti xiyyeeffate” irrattis namoonni kudhanootaan lakkaa’aman madaa’aniiru.

Ejensiin Baqattoota Falasxiin (UNRWA) hojii dhaabuu battalumatti mirkaneessuu hin dandeenye.

Ministeerri Dhimma Alaa Falasxiin “duguuggaa kilinika UNRWA Jabaliyaatti” jechuun balaaleffatee, “dhiibbaa idil-addunyaan cimaan” haleellaa Israa’el akka dhaabu gaafate.

Gareen hidhattoota Jihaada Islaamaa, michuu Hamaas yoo ta’u, boombiin kun “yakka waraanaa ifa ta’eedha” jedheera.

.

Waraanni Israa’el Haamas gamoo mana barumsaa Gaazaan kumaatamaan lakkaa’aman kanneen uummatni buqqa’an qubatan da’annoo godhatee akka jiraatu yoo himattu, himannaa kana gareen hidhattoota Falasxiin ni haaluu jechuun AFPn gabaaseera.

Leave a Reply