ONM-ABO EBLA 3, 2025
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee ganda Iluu irraa jiraattota maqaan isaanii:
- Misgaanaa Badhaasaa fi
- Barsiisaa Jootee
kanneen jedhaman dabalatee namoonni danuun qabamuun bulchiinsa magaalaa Qeebbeetti badii tokko malee hidhamanii yeroo dheeraaf hiraarfamaa jiraachuun ibsameera.
Hidhaan cinattis maqaa kaffaltii gosa garaa garaa kan nagahee fi yoom xumuramaan isaa hin beekamne dirqamaan uummatatti gad buusuun hawaasa ofiifuu qaala’iinsi jireenyaa itti hammaatee rakkoo ulfaataa keessa jiru afaan qawwee itti qabanii kaffalchiisaa jiraachuun dhaga’ameera.
kana malees aanichuma gandoota hunda irraa gumaacha buusaa gonofaa dabalatee dirqisiisanii horii fi midhaan uummataa guuruu, hojjetaa Mootummaa irraa buusii inni ji’aan kaffalu malee dirqamaan qarshii 1000 funaanuun sangoota ittiin bituu fi maqaa galii mootummaa guddisuu jedhuun dararaa guddaa hawaasicha irraan ga’aa jiru.

