ONM-ABO EBLA 3, 2025 Godina
Jimmaa aanaa Deedootti hojjettoonni mootummaa maqaa fi sababoota garaa garaa gocha isaaniin wal hin fakkaanne sababeeffachuun wal doorsisanii hojii irraa wal ariisisuu fi hiraarsaa adda addaa wal irratti geggeessaa jiraachuun barameera.
Adda durummaan hojjetaan waajjira qonnaa aanichaa kan sabaan Amaara ta’ee fi maqaan isaa Faantahuun Ambaawu jedhamu kan hojii basaasummaaf bobbaafamee jiru ilaalcha sanyummaa Oromoof qabu irraan kan ka’e sabboontota ilmaan Oromoo irratti shira adda addaa xaxaa jira.
Kunis namoota hojjettoota ta’uun isa cina jiran irratti siyaasa haala yeroon wal qabsiisee yaadaa fi ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo qabu jechuun hojjettoonni hojii fi teessoo isaanii irraa akka ari’ataman taasisaa jiraachuun barameera.
Keessattiyyuu hojjetaa waajjira abbaa adeemsa ekisteenshinii fi qindeessaa hojii waajjira qonnaa kan ta’e nama maqaan isaa Rashiid Abbaa Goojjam jedhamu maqaa ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun torban darbe irraa kaasee hojii irraa ugguruun beekamee Jira.
Haa ta’u malee guyyaa dheengaddaa Ebla 1, 2025 waajjira isaaniitti waamuun fedhii isaa malee gara ganda baadiyaa Dilbii jedhamu naannoo Kibbaa waliin kan wal daangessu dirqama fudhattee deemtee caasaa gandichaa taatee akka ati hojjettu murteessineerra jechuun kan itti himan oggaa ta’u, yoo deemuu didde garuu kan si eeggatu ulfaataadha ittiin jechuun doorsisaa jiraachuun dhaga’amee jira.

