ONM-ABO Ebla 3, 2025
Rippabilikaanotaa fi Dimookiraatotni olaanoo koree hariiroo biyya alaa Seneetitti Roobii akeekkachiisa cimaa kennaniin, Humni Waraanaa Libaanos hojiirra oolmaa dhukaasa dhaabuu Ameerikaan Hizboollaa fi Israa’elii gidduutti taasifte saffisiisu ykn gargaarsa waraanaa Ameerikaan Libaanosiif laattu irra deebiin madaaluu akka danda’amu gaafatan.
Waliigaltee dhukaasa dhaabuu Sadaasa darbe irra gahe jalatti, Hizboollaan loltootaa fi meeshaa waraanaa isaa yoo xiqqaate daangaa Libaanos fi Israa’el irraa gara kaabaatti maayilii 20 akka fageessu dirqama. Deebiin isaas, Israa’el naannoo Libaanos qabame hafe keessaa guutummaatti ba’uu kan qabdu yoo ta’u, waraanni Libaanos immoo bakka Hizboollaa fi Israa’eliin to’atamee ture dhuunfachuu ture.
Libaanosiif yeroo murteessaa keessa jirra. Uummanni Libaanos biyya isaanii Iraaniin micciramtu irratti bilisa ba’uuf carraa qabu,” jedhan Senetootni lamaan Jim Riich fi Jiin Shaheen.
Seera baaftonni lamaan deeggarsa paartilee lamaanii cimaa Humna Waraanaa Libaanodiif ’irra deebi’anii kan mirkaneessan yoo ta’u, kunis dhiibbaa Hizbullaah’f dura dhaabbachuuf hunda caalaa bu’a qabeessa ta’uu himan yoo ta’u, waadaa dhukaasa dhaabuu raawwachuu irratti “garmalee suuta” ta’uu isaan walqabatee yaaddoo jiru ibsuu Al Arabiyaan gabaaseera.

