• Mon. Jan 12th, 2026

Arsii Lixaa Aanaa Heeban Arsii keessatti gooleessitoonni murna PP manneen uummataa jumlaan gubanii barbadeessuun dhaga’ame

Apr 5, 2025

ONM-ABO Eebla 4, 2025 

Aanaa Heeban Arsii ganda Ambaa-Goda Sadee keessatti waraanni impaayerattii manneen uummataatti ibidda shiduun qabeenya keessa jiru guutuu waliin gubanii barbadeessuun uummata nagaa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun hiyyummaa jabduu keessatti kuffisanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Namoota manaa fi qabeenyi isaanii jaleewwan Bilxiginnaan jalaa barbadaa’e keessaa muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Daraarsoo Hasan, 
  2. Amaan Waaqee, 
  3. Shuumii Waariyoo, 
  4. Buusee Waaqee , 
  5. Sheek Musxafaa Jarjarsoo, 
  6. Qaayoo Waaqee, 
  7. Amaanoo Qaabatoo, 
  8. Luuccoo Edaasuu ,
  9. Yaadoo Tusii, 
  10. Magarsoo Qawweettii, 
  11. Gammadoo Magarsoo, 
  12. Kirrii Haajii Umar fi 
  13. Walalaa Haaj Umar kanneen jedhamanii fi 

kanneen maqaan nu hin qaqqabin hedduun jiraachuus jiraattonni miidhaan kun irra ga’e ONM’tti himanii jiru.

Siyaasa bulchiinsa mootummoota abbaa irree impaayerattii darbanii dhaalee loltoota isaa ilmaan Oromootti bobbaasuun yakkoota gara jabinaa ulfaataa dalagsiisaa kan jiru Abiy Ahimed diinummaa ilmaan Oromoof qabu jabeessuun uummata nagaa jalaa qabeenyaa barbadeessaa jiraachuun kan beekamuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading