ONM-ABO Ebla 4, 2025
Aanaa Guutoo Giddaa ganda Fayisaa iddoo addaa Qoqoraa jedhamu irraa Ebla 1, 2025 waraanni maafiyaan PP maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhu dawoo godhachuun bobba’an nama maqaan isaani:
- Obbo Cimdeessaa Hambisaa jedhamu jalaa loon 4 yoo saaman,
- Obbo Kumarraa Badhaasaa jalaa ammoo loon 2 ooffatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namootni loon isaanii ergamtoota sirnichaan jalaa saamame kunneen siyaasa tokkollee kan hin hordofne yoo ta’an, Obbo Cimdeessaa maqaa “ilma keetu bosona jira” jedhuun akkasumas Obbo Kumarraa ammoo maqaa sobaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun saamuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Tiksitoonni impaayera Itiyoophiyaa kanneen tibba kana maqaa sakattaa jedhuun gandicha keessatti humna guddaadhaan bobba’anii jiran, Ebla 2, 2025 ammoo “WBO’tu dawoo godhatee nu rukute” jechuun gandicha keessatti kan argamu bosona Waxee jedhamu ibidda itti shiduun qabeenya uumamaa barbadeessanii jiraachuun ibsameera.


