• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waayyuu Tuqaatti reebichi waraana Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu hammaate

Apr 5, 2025

ONM-ABO Eebla 4, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Aallee Gordommoo jedhamu irraa loltoonni impaayerattii Ebla 2, 2025 haawwan lama kanneen maqaan isaanii: 

  1. Aadde Zawudee Olumaa Baayisaa fi 
  2. Baqqaluu Waaqgaarii Guddinaa jedhaman irratti reebicha hamaa ta’e raawwachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Haawwan kunneen qaama siyaasaa kam waliin hirmaannaa osoo hin qabaanne, badii tokko malee kan reebaman yoo ta’u, jaleewwan Bilxiginnaa maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo mana keessanitti nyaachiftuu fi mana keessan bira buufatu” jedhuun miidhaan kun irra ga’uun ibsamee jira. 

Aadde Zawudeen osoo mucaa xiqqoo harkatti baattuu loltoota sirnichaan torban keessatti yeroo lama haala nama suukkaneessuu fi haadha Oromoo tokko irratti raawwatamuun nama saalfachiisuun reebamuunis beekameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading