• Wed. Jan 7th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaalee Sibuu Siree fi Guutoo Giddaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa ajjeesuu fi hidhaatti darbachuu hammeessan

Apr 5, 2025

ONM-ABO Ebla 4, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree ganda Carii jedhamu irraa Bitootessa 29, 2025 loltoonni faashistii PP maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo deggerta” jedhuun barsiisaa maqaan isaa Shallamuu Biraanuu jedhamu mana isaa keessaa gadi baasanii rasaasa itti roobsuun ajjeesanii bakkeetti gatuu maddeen ONM’tti himanii jiru.

Gara jabeeyyiin loltoota Bilxiginnaa ilmaan Oromoo hiraarsuu ittuma fufuun, godinuma kana aanaa Guutoo Giddaa ganda Gaarii jedhamu keessaa ammoo Bitootessa 30, 2025 obbolaa lamaan:

  1. Maatiwoos Xilahuun,
  2. Yooseef Xilahuun fi
  3. Zalaalem Tasfaa badii tokko malee qe’ee isaaniitii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.

Barsiisaan ergamtoota sirnichaan ajjeefamee fi namoonni hidhaman kunneen siyaasa tokkollee kan hin hordofne ta’uu kan himan maddeen, tibba kana murni Bilxiginnaa maqaa sakattaa jedhuun loltoota isaanii akka malee qe’ee uummata Oromootti bobbaasuun hawaasa nagaa irratti yakkoota garaa garaa raawwachaa jiraachuu ONM’f eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading