• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Walqixxee keessatti waraannii PP qabeenyaa uummataa irratti saamicha raawwachuun dhaga’ame

Apr 5, 2025

ONM-ABO Ebla 4, 2025 

Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxee ganda Meexxii Haroo keessatti waraanni faashistii PP naamusa waraanummaa tasumaa hin qabne Eebla 1, 2025 qabeenyaa uummata nagaa midhaan callaa fi maallaqa saamuu ONM odeeffate.

Qabeenyaan saamame kunis kan nama maqaan isaa Obbo Margaa Asaffaa jedhamuu yoo ta’u, xaafii ardaba 22 fi qarshii  70,000 akka ta’es jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Murni Bilxiginnaa guutuu Oromiyaa keessatti dhiibbaa daangaa darbe ilmaan Oromoo irratti hammeessuun uummata qaala’insi jireenyaa dararaa jiru irratti waraana isaa gara jabeeyyii bobbaasuun haadha hiyyeessaa boossisuu cimsee itti fufee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading