• Wed. Jan 14th, 2026

Ittisa Qilleensaa Yukireen diroonii Raashiyaa 42 rukutee buusuu yoo beeksisu, haleellaa magaalaa guddoo biyyattii irratti Kamisa raawwateen miidhaan qaqqabe

Apr 5, 2025

ONM-ABO Ebla 5, 2025 

Ittisni qilleensaa Yukireen Jimaata kaleessaa halkan tokkotti diroonii Raashiyaan 78 qilleensa biyyattii seenan keessaa keessaa 42 kuffisuu isaa beeksiseera.

Waraanni kun Ibsa kenneen dirooniiwwan Raashiyaa biroo 22 ‘bade’ ibseera. Naannolee Kaarkiv bakkoota birootti miidhaan qaqqabee jira.

Haleellaan diroonii Raashiyaa magaalaa guddittii Yukireen Kaarkiv irratti raawwatame, Kamisa galgala mana jireenyaa kan rukutu yoo ta’u, haleellaa kun yoo xiqqaate namoota lama ajjeesee 32 miidhaan irra gaheera jedhan qondaaltonni biyya keessaa.

Bulchaan naannoo sanaa Oleg Saayini hubov, appii telegram irratti ergaa barreessaaniin akka  himanittu, daa’imman lama kutaa magaalattii Novobavariskii keessatti kanneen keessaa tokko ta’uu ibsaniiru jechuun Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading