• Fri. Mar 13th, 2026

Baalee Lixaa Aanaa Agaarfaatti maqaa ijaarsa gandootaan maallaqni dirqamaan jiraattota irraa guuramaa jiraachuun ibsame 

Apr 6, 2025

ONM-ABO Ebla 5, 2025 

Godina Baalee Lixaa aanaa Agaarfaatti kaadiroonni fi aanga’oonni murna PP kanneen koloneel Abiy Ahimed gammachiisuuf jecha hawaasa irraa dhalatan gara jabinaan dararuuf guyyuu ajandaa jal’inaa qabatanii socho’an tibbana kaffaltii adda addaan cinatti maqaa ijaarsa gandootaan saamicha qindaawaa taasisaa akka jiran jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Bifuma kanaanis humnoota waraanaa, milishoota, poolisoota idilee fi lukkeeleen PP kanneen hojiilee bulchiinsaa irratti aangoo qaban dabalatee gandoota onichaa kanneen akka Amaallama, bulchiinsa magaalaa Alii fi gandoottan birootti bobba’uun qarshii 5000 ol tokko tokkoon jiraattotaa irraa manneen irra deemuun irraa saamaa akka jiranis ibsameera. 

Adda durummaan hojilee tikaa fi saamichaa irratti kanneen humnoota waraanaa waliin bobbaafamanii jiran keessaa Mo’aaz Sheek Abdulwaad, Anuwaar Haaj Abdullahaab, Ahimad Mohaammad Umar fi Haaj Yuusuuf Jaarraa ta’uunis addeeffameera.

Hojiileen basaasummaa haala haarawaan onichatti mumul’achaa kan jiru oggaa ta’u, kanneen jibba dhuunfaa wal irraa qabanis maqaa hidhata waraana Bilisummaa Oromoon harka dabbaloota PP’tti galanii hidhaan hiraarfamaa kan jiranii fi namoonni maallaqa gaafataman kaffaluu dadhabanis hidhaatti guuramaa akka jiran ONM odeefateera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading