• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Kaaba Shaggar Aanaa Kuyyuutti maqaa deggertoota WBO’ti jedhuun waraana faashistii PP’n reebichaa fi hidhaan jiraattota irratti raawwate

Apr 6, 2025

ONM-ABO Ebla 5, 2025 

Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Dhaayee Walincoo keessatti hidhattoonni faashistii PP Ebla 2, 2025 qe’ee jiraattotaatti bobbaafamuun nagaa hawaasaa booressaa kan turan yoo ta’u, namoota hedduus maqaa isin deggertoota WBO’ti, tumsa taasistuuf jedhuun hidhaa fi reebicha haalaan ulfaataa irratti taasisuun ibsame.

Namoonni gara jabina loltoota PP’n reebaman kunneen maqaan isaanii:

  1. Obboo Baqqalaa Tufaa,  
  2. Dargaggoo Baayyuu Baqqalaa,
  3. Dargaggoo Boojuu Baqqalaa fi
  4. Obbo Didhaa Gaaddisaa kanneen jedhaman ta’uun beekameera.

Keessattuu Obbo Didhaan reebicha ulfaataan boodas mana hiraarsaatti darbatamuun haala hamaa keessa akka jiru jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Shiftoonni koloneel Abiy Ahimed golee Oromiyaatti maqaa olaantummaa seeraa kabachiisuu jedhuun daba seenaa kan qorqalbii hawaasaa cabsu raawwachaa kan jiran maqaa jiraattonni keessaa hin qabnee fi yakka maqa-balleessii taasisuun hidhaa, saamichaa fi ajjeechaas raawwachaa jiru.

Leave a Reply