• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Hawwaa Galaanitti saamichaa fi dararaan hawaasa irratti taasifamu jabaatee itti fufe

Apr 6, 2025

ONM-ABO Ebla 5, 2025 

Bilxiginnaan torbee kan keessa godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan ganda Baddeeyyii bakka addaa Ifa-Jiruu jedhamutti bobba’uun, maqaa kaffaltii gosa adda addaan balbala manneen uummataa irra dhaabbachuun kaffaltii naga’ee hin qabneen uummata hiraarsaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoonni adda durummaan uummata Oromoo irratti saamicha qabeenyaa hangana hin jedhamne raawwachaa jiran maqaan isaanii:

  1. Siraaj Raggaasaa kaabinee ganda Baddeeyyii
  2. Zaakir itti aanaa bulchaa gandichaa 
  3. Dirribaa itti gaafatamaa paartii ykn dhaabaa

Milishoota gandichaa keessaa immoo kanneen hammeenyi isaanii daangaa darbuun hawaasa gandichaa qe’ee isaanii irraa buqqisuuf deeman ammoo maqaan isaanii:

  1. Abdusalaam Kamaal,
  2. Abdullee Urgeessoo,
  3. Ibraahim Nuuraa,
  4. Huseen Roobaa,
  5. Abdusalaam Ibraahimee kanneen jedhaman akka ta’an beekameera.

Akka maddeen jedhanitti kaffaltiin dhumaa fi xumura hin qabne kun nutti ulfaatee qaala’iinsa jireenyaa waliin hawaasa mana keessaa baasuuf deemaa jira jechuun, namootni yeroo qonnaa kanatti waan kaffalan dhabuun rakkachaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply