• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Yamaaloogii Walalitti maqaa Inshuraansii Fayyaan jiraattota irratti waraana faashistii PP’n saamichi jabaachuun dhaga’ame

Apr 6, 2025

ONM-ABO Ebla 5, 2025 

Qellem Wallaggaa aanaa Yamaaloogii Walal ganda Loomica Cabal guutummaa isaa keessatti saamichi bifa haaraan lukkeelee Bilxiginnaan hawaasa gandichaa irratti eegalamee jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Ji’oota sadan darban jechuun baatii Muddee irraa eegalanii kaffaltii gosa adda addaan saamamaa fi hiraarfamaa jiraachuu kan dubbatan jiraattonni, kanaan dura yeroo gibira guuraa turanitti sababoota kaffaltii kanneen akka inshuraansii fayyaa, daandii bal’isuu, buusaa gonofaa fi miseensummaa ammuma gibira waliin kaffaltu jechuun abbaa maatii tokko irraa qarshii 10,000 fi isaa ol kan fuudhan yoo ta’u, amma immoo Ebla 3, 2025 irraa eegaluun kaabinootni fi milishootni waliin wal ta’anii manneen uummataa irra deemuun ammas maqaa inshuraansii fayyaa jedhu dawoo godhatanii dirqama namni tokko qarshii 2500 kaffaluu qabdu jechuun saamicha raawwachaa jiru.

Uummatatti dhiittaa mirga namoomaa jabeessanii yaada uummataa fudhatama dhabsiisuun faallaa fi hammina hojjechaa kan jiran ergamtootni Bilxiginnaa, yeroo itti hawaasni kanaan dura gibira waliin kaffalle naga’ee itti qabna jechuun falmatu ammas dirqama kaffaluu qabdu, yoo diddan ammoo hidhamtanii mana hidhaa keessatti tortortu jechuun jiraattota doorsisanii irraa guuraa jiraachuus jiraattotni itti dabaluun ONM’tti himanii jiru.

Leave a Reply