ONM-ABO Ebla 5, 2025
Gareen faashistii PP Ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun dararaa ulfaataa irraan gahuu jabeessanii itti fufuun, godina Baalee Lixaa aanaa Sinaanaatti hidhaa fi doorsisa raawwatan daran jabeessuu jiraattonni dubbatu.
Akkuma kanaanis jiraataa aanaa Sinaanaa ganda Hamallama Garmaamoo bakka addaa Gamooraa kan ta’e namni maqaan isaa Kadir Abdusalaam jedhamu Bitootessa 29, 2025 dhimmaaf gara bulchiinsa magaalaa Roobee deemee akka turetu himama.
Haa ta’u malee loltoonni faashistii PP gaaffii seeraaf barbaadamta jechuun naannoo buufata konkolaataa bulchiinsa magaalaa Roobeetii ukkaamsanii hidhaan hiraarsaa akka turan jiraattonni kan himan oggaa ta’u, turtii guyyaa lamaa boodas gara bakka dhaloota isaatti konkolaataan fuudhanii deemuun meeshaalee mana keessaa dabalatee qabeenya maatiin isaa qabu cufa barbadeessanii akka deeman beekameera.
Miidhaa qabeenyaan cinatti lubbuu Obbo Kadir baasuuf yaaliin ajjeechaa irratti taasifamuun kan himamu yoo ta’u, innis harkaa ba’ee yeroo ammaa kana haalli sochii isaa loltoota maafiyaa PP’n hordofamaa akka jirus ifoomeera.

