• Sun. Apr 5th, 2026

Israa’el adabbii waloon yakka waraanaa Gaazaa keessatti raawwachaa jirti jedhan bakka bu’an Aljeeriyaa Dhaabbata Mootummootaatti

Apr 6, 2025

ONM-ABO Ebla 5, 2025 

Bakka bu’aa dhaabbataan Aljeeriyaa UNtti Kamisa darbe akka jedhetti tarkaanfiin Israa’el Onkoloolessa 7, 2023 irraa eegalee Gaazaa keessatti Falasxiinota irratti fudhachaa jirtu “adabbii waloo” fi ”yakka waraanaa”  ta’u ibse.

Amar Benjaamaa’n kana kan dhageessisan walgahii Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gaaffii Aljeeriyaan haala Falasxiin irratti mari’achuuf akka waamamu gaafatte irratti.

Benjama akka jedhanitti Aljeeriyaa walgahii kanaaf waamicha dhiyeessitee turte. Sababiin isaas biyyattiin Manni Maree Nageenyaa ifattii fi ofitti amanamummaadhaan dubbachuu qaba, itti gaafatamummaa isaa guutummaatti fudhachuu fi  murtii isaa hojiirra oolchuu akka qabu cimsitee waan amanteefi.

Mala kana fudhachuu dhabuun Manni Maree aangoo ykn seera qabeessummaa isaa kamiyyuu akka dhabu akka isa taasisu akeekkachiisaniiru jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading