• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Arsii Lixaa Aanaa Siraarootti lukkeeleen Bilxiginnaa saamicha raawwachuu fi dargaggoota leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun dhaga’ame

Apr 8, 2025

ONM-ABO Ebla 7, 2025 

Aanaa Siraaroo ganda Lokkee Adaa jedhamu irraa jaleewwan Bilxiginnaa maqaa adda addaa da’oo godhachuun hawaasa waan nyaatee bulu dhabee rakkatu dirqamaan maallaqa irraa guuraa akkuma turan, torban darbe irraa eegaluun maqaa gargaarsa Raayyaa Ittisa impaayerattiin qarshii 100 tokko tokkoon jiraattotaa dirqamsiisanii guuraa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, jaleewwan Bilxiginnaa kunneen gandicha keessatti maqaa ”biyya keessaniif loltu” jedhuun Ebla 4, 2025 irraa eegaluun dargaggoota 30 gandoota irraa dirqamaan qabanii fedhii isaanii malee ukkaamsuun gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun dabalataan ibsamee jira. 

Kufaatiin impaayerattii dhihaachuu baruun, dargaggoota kutaalee Oromiyaa cufa keessaa guuranii dirqamaan mooraa leenjii waraanaatti guuraa kan jiran ergamtoonni Bilxiginnaa, ganda sana malee gandoota aanicha jala jiran hunda irraa namoota 30 guuruutti dabalatee kaffaltii nagahee hin qabnee fi waliin isaa adda hin baaneen qarshii hedduu saamaa kan jiran ta’uun eeramee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading