• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Baabboo Gambeel bulchiinsa magaalaa Baabbootti loltoonni impaayerattii mana siree kutaa ciisichaa keessaa haadha tokko ukkaamsanii gudeeddaa irratti raawwachuun abbaa warraa ishees reebichaan miidhuun dhaga’ame 

Apr 8, 2025

ONM-ABO Ebla 7, 2025 

Bulchiinsa magaalaa Baabboo Gambeelitti Ebla 5, 2025 galgala keessaa toora sa’a 4:00’tti waraanni impaayerattii abbaa warraa fi haadha warraa mana siree bultiif qabatan irratti gocha rifaasisaa fi ciiggaassisaa raawwachuun dhaga’amee jira. 

Taateen kunis kan raawwate aanaa Baabboo Gambeel hoteela Roobaa kan abbaan qabeenyummaa isaa Obbo Soorii jedhamu keessa bulaa jiran irratti humnaan abbaa warraa reebanii gadi baasuun loltoonni impaayerattii lama ta’anii haadha warraa isaa irratti yakka gudeeddaa kan raawwatan yommuu ta’u, haati kun yeroo ammaa gocha kanaan miidhaa ulfaataan irra gahuu jiraattonni ONM’f addeessanii jiru.

Akka jiraattonni naannichaa jedhanitti gochi safuu hawaasa Oromoo cabsu kun jiraattota irratti deddeebi’ee raawwachuu himuun, akkuma guutummaa kutaalee Oromiyaatti murni sirna dhab-leessi Bilxiginnaan uummata Oromootti bobbaafamee maqaa waraanaan of waamu kun safuu, aadaa fi duudhaa saba guddicha gaanfa Afriikaa kan ta’e  cabsuun haawwan Oromoo irratti gochoota ciiggaassisaa kanneen raawwachaa jiraachuutu himama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading