• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Ganjiitti loltoonnil Bilxiginnaa dargaggoota irratti ajjeechaa fi hidhaa raawwatan

Apr 9, 2025

ONM-ABO Ebla 8, 2025 

Aanaa Ganjii ganda Gudayyaa Doobbii jedhamu irraa lukkeeleen Bilxiginnaa dargaggoota abdii egeree Oromiyaa ta’an kichuutti kutuu amaleeffatan Ebla 5, 2025 dargaggoota maqaan isaanii: 

  1. Abdii Tolasaa Ejjetaa fi 
  2. Caalii Waaqjiraa Maammoo 

jedhaman rasaasa itti roobsuun haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Dargaggoonni kunneen dhaaba siyaasaa tokkottillee kan hin hirmaannee fi badii tokko kan hin qabne ta’uu himuun, loltoota sirnichaan yakkamanii maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun haala suukkaneessaa ta’een kan ajjeefaman ta’uu dubbatu.

Kana malees, ganduma kana keessaa guyyaadhuma kana  dargaggoo maqaan isaa Amanuu Margaa Olaanaa jedhamu badii tokko malee mana maatii isaatii ukkaamsuun hidhaatti darbachuu fi aanicha guutummaa keessatti gochoonni gara jabinaa harka lukkeelee Bilxiginnaan hawaasa meesha maleessa irratti raawwachaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply