• Wed. Nov 25th, 2026

Haleellaa Israa’el itti Gaazaa keessatti itti fufteen jirtuun namootni lubbuun darban 50,700 ol ga’uun ibsame

Apr 9, 2025

ONM-ABO Ebla 8, 2025 

Haleellaa qilleensaa Israa’el yeroo dhiyootti Gaazaa irratti raawwatteen yoo xiqqaate namootni 57 Falasxiinota dabalataan ajjeefamuu isaaniitiin, erga Onkoloolessa bara 2023 lolli eegale hanga ammaatti lakkoofsi namoota du’aniin gara 50,752ttti ol ka’uun ministeerri fayyaa Wiixata kaleessaa ibseera.

Ibsi ministeerichaas sa’aatii 24 darban keessatti namoonni 137 miidhamanis gara hospitaalotaatti kan geeffaman yoo ta’u, lakkoofsa namoota miidhaanii gara 115,475tti ol guddiseera.

Waraanni Israa’el Bitootessa 18 Gaazaa irratti duula qilleensa haaraa kan jalqabe yoo ta’u, ergasii yoo xiqqaate namoota 1,391 ajjeesuun 3,434 madeessee jira. 

Sadaasa darbe manni murtii yakkaa idil-addunyaa muummicha ministeera Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu fi Ministirri Ittisaa isaanii duraanii Yohaav Gaalant yakka waraanaa fi yakka dhala namaa Gaazaa keessatti raawwatameef murtii hidhaa itti murteessuun ni yaadatama jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply