ONM-ABO Ebla 8, 2025
Ebla 6, 2025 aanaa Martii ganda Heellaa Akkiyyaa keessatti ergamtoonni PP abbaa ilmaan ja’aa kan ta’e qonnaan bulaa maqaan isaa Adam Huseen Gammadaa jedhamu balleessaa tokko malee Oromummaa isaa qofaaf bakka ooyiruu isaatti itti dhaquun rasaasa itti roobsanii ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Gara jabeeyyiin loltoota impaayerattii uummata irraa dhalatan akka bineensaatti haala suukkanneessaan ajjeesuu adeeffatan ajjeechaan cinattis onicha keessatti doorsisaa fi saamicha hammeessuun guyyaa dhufee darbuun sarbama mirga namoomaa uummata naannichaa irratti jabeessaniiru.
Lubbuu lammiilee nagaa obbaasuun turtii aangoo isaa dheeraffachuuf kan dhama’u guddisi ilmaan habashootaa Oromummaan daldalu koloneel Abiy Ahimed goolessitootaa fi saamtota waraana isaa namusni fi sansakkaan waraanaa irraa hin calaqqisne qe’ee ilmaan Oromootti duulchisuun manneen uummataatti gadda uwwisaa jiraachuun kan beekamuudha.


