• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Laaloo Assaabiitti qonnaan bultoonni lama loltoota Bilxiginnaan achi buutee dhabamsiifaman

Apr 11, 2025

ONM-ABO Ebla 8, 2025 

Aanaa Laaloo Assaabii ganda Diinewwaa jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun qonnaan bultoota maqaan isaanii: 

  1. Sirraa Miftaalemii fi 
  2. Bashuraa Asaffaa 

jedhaman Ebla 6, 2025 ukkaamsuun achi buutee isaanii dhabamsiisuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Qonnaan bultoonni kunneen tuttuqqaa siyaasaa tokko keessaa kan hin qabne, namoota hawaasa naannoo biratti jaallatamanii fi kanneen maatii isaanii qofa guddifatanii jiraatan yoo ta’an, loltoonni Bilxiginnaa immoo maqaa adda addaa itti maxxansuun yakkanii achi buutee isaanii kan dhabamsiisan ta’uu ONM odeeffateera.

Aanicha guutummaatti yakkoonni gara jabinaa gurguddaan uummata irratti raawwachaa jiru heddummachuun jiraattonni akka itti ba’aniif galan dhabuun yaaddoo hamaa keessa kan jiran ta’uunis dabalataan ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading