• Wed. Nov 25th, 2026

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii UN daa’imman 60,000 ol ta’an Gaazaa keessatti rakkachaa jiraachuu gabaase

Apr 12, 2025

ONM-ABO Ebla 11, 2025 

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii UN Kamisa kaleessaa akka jedhetti daa’imman Gaazaa keessa jiran 60,000 ol ta’an hanqina nyaataan rakkachaa jiru. Sababiin isaas haalli gargaarsa naannichaa saffisaan  dhabamaa waan dhufeef ta’uu ibse.

Dubbi himaan UN Waajjira Qindoomina Dhimmoota Namoomaa (OCHA) naannichaa akka jedhetti dhiyeessiin akka seenu hayyamuuf ulaa seensaa irra deebi’anii banuun ariifachiisaa ta’uu” cimsanii dubbataniiru.

”Daa’imman 60,000 ol ta’an hanqina nyaataatiin akka rakkatan himamaa jirra, kunis yeroo hawaasni boba’aa dhabee fi dhiyeessii saffisaan dhumetti,” jechuun ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin  Farahaan Haaq dubbataniiru.

“Bitootessa keessa, Gaazaa keessa maatiin harka sadii keessaa tokko ol weerarni dhukkubaa isa mudateera” jechuun dabalaniiru.

Hojjettoota balaa tasaa meeshaa waraanaa hin qabne itti yaadanii ajjeesuun yakka waraanaa ta’ee fudhatamuu danda’aa jedhamee gaafatamee, Haaq ulaagaa guutuu akka danda’u mirkaneessee, garuu qorannoon itti fufee osoo jiruu ibsa murtaa’aa kennuu irraa of qusateera jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply