• Fri. Nov 20th, 2026

Godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamteetti waraanni Bilxiginnaa dargaggoota hedduu ukkaamsuun hidhaatti darbatan

Apr 12, 2025

ONM-ABO Ebla 11, 2025 

Magaalaa Naqamtee guutummaa ishee keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa addaa addaa hawaasa nagaatti moggaasuun yakkan Kibxata darbe galgala Ebla 8, 2025 dargaggoota baay’inaan 200 ol ta’an maqaa “huccuu babal’aa uffattan” jedhuun ukkaamsuun hidhaatti darbachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Dargaggoota kanaan isin abbaa torbeeti jechuun uffata babal’aa kana keessatti waan ittiin nu miitan baattu jechuun daandii gubbaa qabanii deeman.

Akka namootni ijaan argan jedhanitti dargaggootni kun yeroo hidhattoota Bilxiginnaa waliin wal falman mul’atus galgala waan ta’eef fuulaa fi maqaa isaanii itti dhiyaatanii baruun hin danda’amne.

Jaleewwan sirnichaa umurii barcuma siyaasaa gooftaa isaanii Koloneel Abiy Ahimed raafama jiru bararuuf maqaa hawaasni Oromoo keessaa hin qabne gola sammuu isaanii isa dadhabaa sana keessaa itti maxxansuun sobaan yakkanii dararaa ulfaataa irraan gahuun sodaachisanii bulchuuf hojjechaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply