• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Shanan Kooluutti hidhattoonni Amaaraa hawaasa Oromoo irratti ajjeechaa suukkaneessaa raawwatan

Apr 12, 2025

ONM-ABO Ebla 9, 2025 

Hidhattoonni Amaaraa maqaa “Faannoo” jedhu moggaafachuun ilmaan isaanii kutaalee Oromiyaa keessa jiraatanii fi murna Bilxiginnaa hunda firoomfachuun hidhannoo guutuu hidhatanii uummata meesha maleessa nagaan qe’ee isaa irra jiraatu irratti gochoota gara jabinaa raawwachaa jiru. 

Arsii Bahaa aanaa Shanan Kooluu ganda Laaftoo Rifeensoo jedhamu keessatti Ebla 3, 2025 hidhattoonni Amaaraa haadha manaa fi abbaa manaa osoo isaan mana warra isaanii sirna deebii dhaqanii gara mana isaaniitti galaa jiranii bosona keessa riphanii eeggachuun erga ukkaamsanii booda, haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii morma irraa muranii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Ganda sanaa fi olloota gandichaa birootti hidhattoonni kunneen bosona keessa riphanii ilmaan Oromoo ukkaamsanii butuun, qe’ee fi qabeenyaa isaa irraa buqqisuun, saamuu, mana irratti gubuu, ajjeesuu fi achi buutee dhabamsiisuun abbaa biyyummaa isaa irraa mulqaa jiraachuun ifoomeera.

HIdhattoonni Amaaraa gargaarsa qaamolee Bilxiginnaan hanga funyaaniitti meeshaa waraanaa hidhachuun hawaasa meesha maleessa lafa irraa duguugaa kan jiran ta’uus gochi Oromiyaa keessatti raawwachaa jiru ni mul’isa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading