ONM-ABO Ebla 11, 2025
Baha Harargee aanaa Baddannoo gandoota cufatti kaadiroonnii fi jaleewwan sirnichaa kaffaltii gosa garaa garaa naga’ee hin qabnee fi yeroon isaa hin beekamne kalaqachuun Ebla 10, 2025 irraa eegalanii maqaa buusaa gonofaatiin qarshii 500 irraa guuraa jiraachuun beekameera.
Kana malees milishoonni gandoota onichaa maqaa sochii nageenyaa taasisaa jirruuf qarshiin nuuf kaffalamuu qaba kan jedhuun mana hawaasaa irra deemanii dirqiin qarshii 130 guuraa kan jiran oggaa ta’u, akka onichaatti maallaqni uummanni ji’a keessatti baasaa jiru galii isaanii waliin wal madaaluu dadhabuu irraa kan ka’e jiraattonni hedduun qe’ee gadi dhiisanii bakkeewwan biraatti godaanaa jiraachuunis ibsameera.
Murni lammiilee nagaa irratti saamicha taasisuun of ijaare Bilxiginnaan yeroo ammaa kana kufaatii dinagdee hamaa gama maraan isa mudatee jiru keessaa of baasuuf uummata halkanii fi guyyaa dararaa jiraachuun barameera.


