• Thu. Nov 26th, 2026

Humnoonni waraana murna Bilxiginnaa hedduun mooraa Yuunivarsitii Wallaggaa keessa buufachuu irraa kan ka’e barattoonni sodaa guddaa keessa jiraachuun dhaga’ame

Apr 12, 2025

ONM-ABO Ebla 11, 2025 

Guyyoota sadan darban irraa kaasee murni PP humnoota waraanaa raayyaa ittisa impaayerattii konkolaataa hedduu magaalaa Jimmaa irraa kaasee mooraa Yuuniversitii Wallaggaa keessa qubsiisaa kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaa barattoonni Yuunivarsitichaa sodaa nageenya isaaniif jecha yaaddoo guddaa keessa jiraachuu odeessi Yuunivarsiticha irraa ONM’n qaqqabe ni adeessa.

Akka maddeen jedhanitti humnoonni waraanaa heddumminaan achi keessa buufatanii jiran kunneen, barattoota irratti dhiibbaa uumuun reebichaa fi doorsisa irratti geggeessaa kan jiran yoo ta’u, baratoonni miidhaa fi gidiraa argaa jiran kunneen qaama itti iyyatan dhabuun sodaa hamaa keessa jiraachuu dubbatu.

Sirni barachuun ilmaan Oromoo isa dhibu, hayyuu fi beekaa Oromoo dhidhimsuu adeeffate Bilxiginnaan humnoota waraanaa isaaf quubsuma barbaachisu tolchuu irra manneen barnootaa hedduu quubsuma waraanaa gochuun barattoota ukkaamsisuu, shamarran irratti gudeeddii raawwachiisuu fi miidhaa addaa addaa raawwachiisuun impaayerattii keessatti kan baratame ta’uu fi guyyuu mul’achaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply