• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Sibuu Sireetti loltoonni faashistii PP jiraattota hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

Apr 12, 2025

ONM-ABO Ebla 9, 2025 

Aanaa Sibuu Siree ganda Baabboo Kuwee jedhamu irraa Ebla 5, 2025 tiksitoonni impaayerattii namoota maqaan isaanii:

  1. Sooressaa Warquu,
  2. Ijjiguu Addunyaa,
  3. Alamaayyoo Booranaa,
  4. Gammadaa Maammoo fi
  5. Biqiltuu Tamasgeen jedhaman 

badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru.

Akka jiraattonni kun jedhanitti, namoonni kunneen dhaaba siyaasaa kam keessaayyuu hirmaannaa kan hin qabne ta’uu himuun, hojii dhuunfaa isaanii qofa irratti bobba’anii kan jiraatanii fi maqaa isaan hin qabne “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhamuun yakkamanii kan hidhaman ta’uu dubbatu. 

Loltoonni naamusa waraanummaa hin qabne kunneen akka isaan maatii isaanii waliin wal hin argine dhorkanii dararaa jiraachuu fi aanicha keessatti uummata nagaa ba’aa fi gala dhorkuun yaaddoo hamaa keessa galchanii kan jiran ta’uun dabalataan ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading