ONM-ABO Ebla 10, 2025
Godina Boorana Bahaa aanaa Gooroo Doolaa keessatti ergamtoonni murna PP maqaa WBO nyaachistu, ni deggertuu fi maatii qabsaa’otaati jedhuun gochoota uummanni quba hin qabneen jiraattota hedduu jumlaan ukkaamsuun hidhuu, saamicha qabeenyaa fi miidhaalee adda addaa raawwatan jabeessanii itti fufaniiru.
Namoonni murna badii kanaan qabamuun mana hidhaa aanichaa keessatti dararamaa jiranis baay’inaan, maanguddoota 136, dargaggoota 110, haadholii 117, durbartoota ulfaa fi kanneen daa’imman qaban 65 kan ta’anii fi walumaa galatti namoota 428 mana hidhaa aanaa Gooroo Doolaa keessatti darbachuun dararaa akkaan ulfaataa irraan ga’aa jiru.
Namoota kanneen keessaas bakki hidhaa ga’uu didnaan kanneen 36 ta’an kutaa waajjira Poolisii aanichaa keessatti akka dabarsanii fi akkasumas hidhamtoota kanneen irratti saamichi qabeenyaa bifa garaa garaan raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, namoota 15 ammoo maallaqa hamma isin gaafanne nuuf kennaatii sana booda horii isin jalaa fuudhamte isiniif deebisna akkasumas gadi isin dhiisna jechuun erga qarshii 15,000-45,000’tti fudhatanii gadi dhiisuu akka didanis beekameera.

