ONM-ABO Ebla 9, 2025
Shiftoonni saamichaaf wal ijaaruun qindaa’anii maqaa mootummaa himachuun uummata nagaa irratti bobbaafaman goleewwan Oromiyaa mara keessatti dararaa uummata irratti raawwatan jabeessuun, Lixa Harargee aanaa Mi’eessoo araddaa Torbaayyoo keessatti gosa kaffaltii adda addaa da’eeffachuun saamicha hammeessuun uummatni rakkoo ulfaataa keessa jiraachuu dubbatu.
Haaluma kanaan Ebla 7, 2025 maqaa kaffaltii “waajjira gandaa eebbisna” jedhuun hawaasa dirqamsiisanii qarshii 250 fi sangoota irraa guuraa jiraachuu hawaasni rakkoo kanaaf saaxilamaa jiran ONM’f ifoomsaniiru.
Gandichatti namoonni adda durummaan gocha kana raawwachaa jiran maqaan isaanii:
1. Shaafii Ibraahim Bulchaa araddaa kan aanaa irraa geessan,
2. Siraajoo dhimma nageenya araddichaa kan ta’eedha.

