• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Qellam Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo irraa ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa qaraxaan hawaasa dararaa jiraachuun ifoome

Apr 12, 2025

ONM-ABO Ebla 9, 2025 

Bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo ganda 01 naannoo Waldaa Beetel jedhamee beekamutti Ebla 7, 2025 ganamaan jaleewwan sirnichaa hawaasa oomisha isaa daandii cinaatti gurguratee ittiin ofii fi maatii isaa jiraachisu jalaa qabeenya isaanii lafatti bittimsuu jiraataan magaalichaa rakkoo nageenya isaaf maqaan isaa akka eeramu hin feene tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira. 

Akka jiraataan kun jedhutti, daldaltoota ashaakiltii adda addaa fi harmoolii baadiyyaa irraa magaalicha deemuun daandii biratti oomisha isaanii gurguratan maqaa “daandii dhiphiftan; magaalaa xureessaa jirtu waan ta’eef qaraxa kaffalaa” jedhuun akka lafatti jalaa naqaa turanii fi namoonni hiyyeeyyii ta’an baadiyaa irraa dhufan qaraxa ergamtoota sirnichaaf baasan malee, oomisha isaanii gurgurachuu akka hin dandeenye kan dhorkamaa jiran ta’uu dubbata.

Kana malees, konkolaataa fe’isaa magaalaa Finfinnee irraa dhufu hunda ugguruun akka konkolaachiftoonni meeshaalee fe’anii magaalicha galchan konkolaataa irraa gad hin buufne dhorkanii kan jiran ta’uun dabalataan ibsameera. 

Dabalataanis, magaalicha keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa manneen hawaasaa hunda irraa nama tokko dirqamaan leenjisuun nama daandii deemu fuula haaraa jedhanii, akka adda baasanii fi haala magaalicha keessa jiru hunda akka hordofaniif basaastonni hedduun bobba’anii hawaasa dararaa kan jiran ta’uun baramee jira.

Leave a Reply