ONM-ABO Ebla 9, 2025
Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Aragichi Kibxata kaleessaa akka jedhanitti, Waashingitan marii niwukilaraa dhuma torbee kanaa Omaan keessatti jalqabu irratti fedhii gaarii yoo agarsiifte Ameerikaa waliin “waliigaltee irra gahuun ni danda’ama” jedhan.
“Kaayyoon inni guddaan” mootummaan marii kana keessa seene qoqqobbii Iraan irratti kaa’ame akka ka’u gochuu akka ta’e itti dabaluudhaan himaniiru jedha dhaabbati oduu IRNA.
Gama biraatiin Kibxatuma kaleessaa Raashiyaan sagantaa niwukilaraa Teeyiran irratti Iraan fi Ameerikaa gidduutti marii kallattii fi al-kallattiin taasifamu, waldhabdeen gama lamaan gidduu jiru akka hir’atuuf carraa akka ta’e deggarteetti.
Dubbi himaan Kuremlin Dimitiri Peeskov gaazexeessitoota waliin haasaa taasisaniin, Raashiyaan qubsuma dippilomaasii fi siyaasaaf deeggarsa akka qabdu irra deebi’anii ibsaniiru jechuun AFP’n gabaaseera.

