ONM-ABO Ebla 10, 2025
Ogeessonni fayyaa: Doktoroota, Narsoota, Ispeeshalistootni fi ogeeyyii baqaqsanii hodhuu dabalatee ogeeyyiin fayyaa miindaa haqa qabeessa, uwwisa inshuraansii fayyaa fi faayidaa fooyya’aa gaafachuun marsaalee miidiyaa hawaasaa adda addaa irratti duula “lubbuu baraaraa turre, amma kan keenya baraaruu qabna” jedhu fayyadamuun yaaddoo fi gaaffii jireenyaa isaanii kaasaa jiru.
Ogeeyyiin fayyaa kunneen xalayaa gaaffilee ijoo kudhan of keessaa qabu Ministeera fayyaa fi qaamolee dhimmi ilaallatuuf dhiyeessuuf qophaa’aa akka jiran eeruun, gaaffiin isaanii yoo hin guutamne lagannaa hojii dhaabuu godhuu akka danda’anis akeekkachiisaniiru.
“Gaaffichi dhimma mirgaati malee dhimma siyaasaa miti” jechuudhaan dhimmi jalqabaa fi barbaachisaan galiin ogeeyyiin argatan dadhabbii hojii isaanii akka hin madaallee fi galii gadi aanaa ta’uu, akkasumas baasii jireenyaa waliin kan wal hin madaalle ta’uu isaatii jedhan. Yeroo kanatti hojjataan fayyaa qaala’insa jireenyaaf saaxilamaadha. Haalli wal’aansa ofii isaaniillee hin dandeenyee fi rakkoo keesssa galanii jiraachuu ibsu.
Itti dabaluun, “hojjetaan fayyaa rakkoo guddaa keessa jira. Kiraa manaa fi geejjiba dabalatee gatiin jireenyaa isaan sodaachisee jira. Fakkeenyaaf yoo na ilaaltan hanga ammaatti maatii hin ijaarre. Anaaf qaanii natti ta’eera. Umuriin koo maatii ijaarrachuuf ga’us sababa qaala’insa jireenyaan maatii ijaarachuu hin dandeenye” jechuun ogeessi fayyaa tokko ibsa.
Murni Bilxigginnaa afaaniin impaayerri Itiyoophiyaa badhaadheera jedhee uummata addunyaa sobaa oolus, bara bulchiinsa isaa keessatti lammiileen baratan jedhaman sababa hanqina baajataan miindaa ji’aa illee dhabuun sadarkaa harkaa gara afanii of-dadhabuun jireenya ulfaataaf saaxilamuu isaanii irra deddeebiin gabaasaa turre.

