• Tue. Jan 13th, 2026

Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatii keessatti kaadiroonni PP barsiisotaa fi hojjettoota mootummaa irraa miindaa kutuun saamicha irratti geggeessaa jiraachuun beekame

Apr 12, 2025

ONM-ABO Ebla 9, 2025 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii keessatti hojjettoota mootummaatiin miindaa keessan irraa 50% kutaa jechuun jireenya yeroo ammaa akkaan qaala’ee jiru keessatti kaadiroonni murna PP ofii isaaniitii baajata maqaa waraanaatiin saamaa turan bakka buusuuf mana paartii badhaadhinaa godinaa ijaarra jechuun hiraarsaa jiraachuun ibsameera.

Kanuma irraa kan ka’e barsiisonni fi hojjetoonni kunneen kaffaltiin duraan isin nuuf kaffalaa turtan iyyuu  jireenya keenya geggeessuu waan hin dandeenyeef inumaayyuu irraa kutanna kan isin jettan kun goonkumaa ta’uun irra hin jiraatu kan jedhan yoo ta’u, mormii gidduu isaaniitti dhalatee jiruunis hanga gabaasni kun qindaa’etti kaffaltiin kaffalamaafii akka hin jirres beekameera.

Bulchiinsi abbaa irree impaayerattii Bilxiginnaan humnaa fi meeshaa isaatti fayyadamuun saamichaan dinagdee uummataa quucarsaa jiru, qabeenya impaayerattii guutuu gara waraanaatti naanneessuun kan irraa hafte immoo kaadiroonni fi ajajoonni waraanaa saamuun erga fixanii booda ammas lola impaayerattii keessatti lammiilee nagaa irratti geggeessaa jiru ittti fufsiisuuf jecha saamicha adda addaa lammiilee impaayerattii irratti raawwachaa jiraachuun kan beekamuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading