• Mon. Jan 5th, 2026

Kibba Lixa Shaggar Aanaa Tolee fi Qarsaa Maallimaatti ergamtoonni murna PP manneen gubuu fi saamicha qabeenyaas raawwachuun dhaga’ame

Apr 12, 2025

ONM-ABO Ebla 9, 2025 

Loltootni murni Bilxiginnaa qe’ee Oromootti bobbaase dararaa fi miidhaa taasisaa jiran daran hammeessuun Ebla 6, 2025 Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Gololee fi Tamsaa jedhamu keessatti manneen uummataa qabeenya keessa jiru fi midhaan xaafii oobdii  keessaa cufa waliin gubanii barbadeessuun beekame.

Namoota manneen jalaa gubate keessaas muraasni maqaan nu ga’e; Obbo Jaabar Alii mana qorqorroo tokko qabeenya keessa jiru waliin yoo guban, Obbo Jalduu Booressaa jalaas mana qorqorroo lama qabeenya guutuu waliin gubanii akka barbadeessan jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Kana maless goolessitoonni kunneen dararaa isaanii kana ittuma fufuun godinichuma aanaa Qarsaa Maallimaa ganda Qoree jedhamu keessatti Ebla 7, 2025 manneen uummataa fi midhaan nyaataa gubanii barbadeessuu jiraattonni himaniiru.

Namoota manaaf qabeenyaan jalaa gubate keessaa tokko kan ta’an Obbo Gabbisaa Abarraa mana 1 fi xaafii tilmaamaan ardaba 15 ta’u jalaa gubuun loon lamas jalaa akka ooffatan addeeffameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading