Ebla 12, 2025
Murni PP Magaala Shaggar keessaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf ijoollee qarshiin bitaa jiru. Kaadireen hundi dirqama fudhatanii mana puulii fi dhugaati irra fiigaa jiru.
Nama tokko qarshii 3000-5000’n fuudhu. Dallaalan 2000 argata. Wanti jedhanii goyyoomsaa jiran bakka walitti isin qaban yoo geessan fedhii miti dirqamaan yoo jettan isin gad-dhiisu. Yoo baatan qarshii 1000 qooddattu jechuun goyyoomsuun kaampiitti guuraa jiru. Laga xaafoon Kaampii MNS jedhamutti walitti qabaa jiru. Sululti warshaa Gogaatti walitti qabaa jiru.
Odeessi biraan Finfinneetti immoo Foollee bifa haaraan ijaarra maqaa jedhuun Kutaan Magaalaa hundi ijoollee walitti qabaa jiru. Karoorri qabatame Faannoon Oromoo fixaa jirti jechuun Oromoon hidhachuu qaba waan ta’eef fedhiin gara kaampiitti seenaa. Komaandoo leenji’aa jechuun goyyoomsanii waraanatti erguuf jiru. Gar-tokkeen immoo ijoolleen walitti qabamaan kunniin torbee dhufuu eegalee Uffata Aadaa Oromoo Uffachuun Magaala keessaatti gad-dhiifamu.
Kun immoo Oromoon Finfinnee dhuunfateera ajandaa jedhu uumuuf sochii gochaa jiraniidha.
