• Mon. Mar 16th, 2026

Irbuun Shinniggaa Caayyaa Tokkummaa Asxaa Gootummaaf Sabboonummaa Riqicha Bilisummaafi Walabummaa Oromoof Oromiyaati!

Apr 15, 2025

Seenaa qabsoo Oromoo keessatti gootawwan wareegamtoota gammoojjii Shinniggaa warri Oromoof Oromiyaaf jecha yeroo itti Oromummaan yakka ta’e san miciraa Oromummaa kudhaammataniin falmaa hadhooftuu gaggeessuun waliin wareegaman kanneen uummanni Oromoo akka sabaatti bara baraan yaadata. Uummanni Oromoofi jaarmiyaan ABO-WBO, Ebla 15, guyyaa yaadannoo gootawwan gammoojjii Shinniggaa warra ofii cabee cabii Oromoof Oromiyaa oolche waggaa waggaan kabajuuf yaadachuun dhalootaa dhalootatti dabarsuun cinaatti siidaa sabboonummaaf gumbii seenaa qabsaa’oota kalee gaaza qabsoo taasisuun qabsoo bilisummaa Oromoo galiin gahuuf hojjechuutti argama.

Guyyaan yaadannoo gootawwan wareegamtoota Shinniggaa seenaa qabsoo bilisummaaf walabummaa Oromoof Oromiyaa keessatti guyyaa damboobaa, guyyaa jabinaaf tokkummaa, guyyaa raacitiin sabboonummaafi miciraan Oromummaa itti tolee mise, guyyaa itti lafeen cabee lafa Oromoo utube, guyyaa dhiigni jigee qabsoo Oromootti akka dhibaayyuutti dhibaafame guyyaa seena qabeessa. Guyyaa seenaa qabeessa kana addatti kan raajii jechisiisu guyyaa hoogganni dhaabaa ol’aanoon wareegama qaalii itti baasuun ofii dhabamanii Oromoof Oromiyaa dhabamarraa baraaran ta’uu isaati.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading