• Tue. Nov 24th, 2026

Ajajaan humna hawaa Ameerikaa Giriinlaanditti argamu daawwannaa Itti Aanaa Pirezidaantii US Ameerikaa Vaans booda ari’ame

Apr 16, 2025

ONM-ABO Ebla 12, 2025 

Ajajaan buufata humna hawaa Ameerikaa Giriinlaanditti argamu, Koloneel Susannaa Meyers, ji’a darbe daawwannaa itti aanaa pireezidaantii JD Vaans gara waajjira muummeetti taasisaniin booda hojiirraa ari’amaniiru.

Ajajni Opireeshinii Ispaasuu ibsa Kamisa darbe baaseen Meyers “dandeettii isheen dhaabbaticha geggeessuu irratti amantaa dhabuu” irraa kan ka’e ajaja irraa akka kaafamte beeksiseera.

Bakka ishee Koloneel Shawen Liin amma dirqama kana fudhateera.

Daawwannaa Bitootessa 28 irratti, Vaansi Ameerikaan Odoola Arktiik abbummaan fudhachuuf akka sochootu dubbataniiru.

“Wanti nuti ta’uuf deema jennee yaadne, Giriinlaandiin, karaa ofiin of bulchuu, Deenmaark irraa walaba ta’uuf, achirraa ummata Giriinlaandi waliin haasa’uuf jirra,” jedhe.

Erga baatii Amajjii keessa gara Waayit Haawusitti Doonaald Tiraamp deebi’anii as, Deenmaark diddus Pirezidaantichi Giriinlaandi argachuuf fedhii qabaachuu isaanii irra deddeebi’anii ibsaniiru.

Leave a Reply