• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Shaggar Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaatti maatii qabsaa’otaa ukkaamsuun haalaan cimee itti fufe 

Apr 16, 2025

ONM-ABO Ebla 13, 2025 

Baha Shaggar aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa bulchiinsa magaalaa Bulbulaatti  waraanni PP Ebla 10, 2025 halkan toora sa’atii 2:30 keessa mana jireenyaa Aadde Budhaa Dharraa Bariisootti seenuun abbaa warraa keetu hidhatee  bosonaa nu lolaa jira jechuun ukkaamsanii deemuun beekameera.

Haadhi loltoota gara jabinaan guutaman kanaan qabaman kunis reebichaa fi dararaa irratti raawwachaa jiruun haalli fayyummaa ishees yaaddessaa ta’uun kan himamu yoo ta’u, waraanni abdii kutannaa keessa seenan kunneen sababoota hiikoo hin qabne tarreessanii guutuu Oromiyaa keessatti miidhaa haalaan ulfaataa raawwachaa jiran cimsanii itti fufaniiru.

Murni Bilxigginnaa waggoota 6 oliif WBO waliin lola geggeessaa kan jiru oggaa ta’u, lolaan injifachuu waan dadhabeef abdii kutannaa keessa seenuun ilmaan keessanii fi maatii keessantu nu lolaa jira maqaa jedhuun maatii qabsaa’otaa ajjeesuu fi ukkaamsee maallaqa guddaa gaafachuun haamilee qabsaa’otaa fi sabboontotaa cabsee abdii kutachisuuf daba raawwachaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply