• Fri. Mar 13th, 2026

Arsii Bahaa Aanaa Honqooloo Waabee keessatti maqaa hariiroo WBO waliin qabdu jedhuun uummata hiraarsaa jiraachuun ibsame 

Apr 16, 2025

ONM-ABO Ebla 12, 2025 

Afaan qawwee fayyadamuun irree isaaniitti amanuu malee nagaa uummataatti kan hin dhimmamne fashistoonni murna PP jireenya hawaasaa jeequu aadeffatan Ebla 9, 2025 aanaa Honqooloo Waabee ganda Maccituu Warqii iddoo addaa Tulluu Diimtuu jedhamu keessatti halkan keessaa toora sa’a 8:00’tti mana abbootii amantaa 2 fi dubartoota ollaa sanaatti cabsuun hirriba keessaa weerarsanii kaasuun akka namoonni hin arginetti ukkaamsanii mooraa waraana PP magaalaa aanaa Honqooloo Waabee kan taate Silxaanaatti darbachuun reebicha ulfaataa irratti geggeessaa jiraachuu maddeen ONM’f eeran.

Maqaan namoota ukkaamfamanii mooraa sana keessatti dararamaa jiranii:

  1. Sheek Qamar Umar, 
  2. Sheek Aabbishuu Leencoo, 
  3. Aaliyaa Kadiir, 
  4. Ra’iiza Jundii fi 
  5. haadha ijoollee hedduu kan ta’an Aadde Hawaa Jaarsoo 

kanneen jedhaman ta’uu kan dubbbatan jiraattonni, onicha keessatti murni badii kun dararaa uummata irratti jabeessuun, maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo wajjin hariiroo qabdu jedhuun hawaasa gandoota irra jiraniin yeroo ammaa kanatti magaalaa dhaqachuu, yoo dhukkubsatan mana yaalaa deemuu fi lafas qotachuu hin dandeessan ittiin jechuun waqtii uummanni qotiisaaf qophaa’aa jirutti uggura irra kaa’uun egeree isaanii itti dukkaneessaa jiraachuu maddeen dabaluun addeessan.

Kanaan duras jiraattota  geejjibaan imalan ugguruun aanaa sana irraa aanaalee biraatti akka hin imalle godhanii ji’oota hedduuf kuduraalee fi muduraalee garaa garaas magaalaatti geessanii akka isaan hin gurguranne irraa dhorkuun oomishni isaaniis hedduun harkatti badee rakkoo hamaa keessa kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaa kanattis aanota ollaa isaanii kan akka aanaa Roobee fi kkf seenuu akka hin dandeenye dhorkuun uummata wal irraa fageessaa jiraachuun addeeffameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading