• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Makkootti saamichi ergamtoota Bilxiginnaan daldaltoota irratti raawwachuu fi tajaajilli neetwoorkii irra deddeebiin adda citaa jiraachuun himame

Apr 16, 2025

ONM-ABO Ebla 13, 2025 

Ergamtoonni Bilxiginnaa giiphiin isaanii gaafa hir’atu, tooftaa ittiin hawaasa saamanii jiraatan baafachuun, dinagdee hawaasa Oromoo quucarsanii ofiin jireenya gammachuu jiraachuuf maqaa adda addaa sababeeffachuun saamicha ulfaataa geggeessaa jiru.

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Makkoo magaalaa Makkoo irraa jaleewwan Bilxiginnaa ilmaan Oromoo dararuun faayidaa dhuunfaa isaanii qofa guuttachuuf maggalan, maqaa “ayyaana faasikaatti waraanaaf horii qalla” jedhuun daldaltoota irraa qarshii 500-1,000 dirqamaan afaan qawwee itti qabanii saamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Ergamtoonni Bilxiginnaa saamicha maqaa adda addaan aanichaa fi akkuma impaayerattiitti hawaasa hunda irratti raawwachaa jiran hammeessuun, nagahee tokko malee qarshiin irraa guuramaa kan jiru fi hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu dhabee rakkatuu fi qaala’insa jireenyaa mudateen dhiphatu hiraarsaa jiraachuun ibsamee jira. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading