ONM-ABO Ebla 12, 2025
Lixa Harargee aanaa Xuulloo Araddaa Raggaasis ganda Haroo jedhamu keessatti saamichi maqaa adda addaa da’eeffate murna Bilxiginnaan hawaasa yeroo ammaa kana ofiifuu waan nyaatee buluu fi homaa harkaa hin qabne irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni araddichaa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Torbanuma kana keessa gosa kaffaltii naga’ee hin qabne gatii kaffaltii milishaaf jedhuun qarshii 1500 dirqamaan uummata irraa kan guuran yoo ta’u, dabalataanis maqaa buusaa gonofaa jedhuun qarshii 1700 nurraa guuraa jiru jechuun jiraattonni saamichi ulfaataan irratti raawwachaa jiru kun yaada isaanii ONM’f ifoomsaniiru.
Kana malees uummanni torban torbaniin qarshii 1000 maqaa fi sababa akkasumas naga’ee malee kaffalaa jirra jechuun miira gaddaa fi aariin guutameen yaada isaanii ONM’f addeessanii jiru.



