• Sun. Jan 11th, 2026

Murni Bilxiginnaa Arsii Bahaa Aanaa Sirkaa keessatti jiraattota jumlaan hidhuu fi saamicha maallaqaa irratti geggeessaa jiraachuun dhaga’ame 

Apr 16, 2025

ONM-ABO Ebla 12, 2025 

Daa’imman irraa kaasee hanga maanguddootaatti, shamarran irraa kaasee hanga haawwaniitti saalfii fi kabaja tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf ilmaan Oromoo hiraarsaa kan oolu murni abbaa irree impaayerattii Bilxiginnaan, akkuma amala isaa namoota nagaa dararuu itti fufuun Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Soolee Nagellee keessaa uummata jumlaan hidhaatti guuruun rakkisaa jiraachuu dubbatu 

Yakka tokko malee murna garboomfataa kanaan namoonni hidhamaniii jiran kanneen maqaan isaanii:

  1. Zubeeydaa Aadaam  Fatoo,
  2. Kadiijaa Abbaas Irreessaa,
  3. Arabee Xaahiroo Jiloo,  
  4. Haliimaa Ahmaad Tufaa,   
  5. Shadaa Hajjii Jimaa maanguddoo umurii 70,
  6. Xeeybaa Faqoo,  
  7. Hajjii Huseen,
  8. Keeyruu Fayyoo, 
  9. Hawwii Haajii Intoo fi 
  10. Immaa Muhaammaad Abbaas    

dabalatee namoonni hedduun hidhanii jiru. Warreen hidhamanii jiran kana keessas maanguddoota, haawwan, dubartoota ulfaa fi daa’imman keessatti akka argaman maddeen dabaluun ifoomsanii jiru.

Kana malees gara jabeeyyiin jaleewwan sirnichaa namoota kanneen manaaf qabeenya isaanii irraa yakka tokko malee hidhanii ukkaamsuu irra darbee maallaqa ittiin ba’an kan gaafatan oggaa ta’u, namoonni kunneenis mana hiriirsaa sana keessaa ba’uuf jecha qarshii kuma shantama shantama yoo kaffalan erga harkaa fudhataniin booda qarshii 100,000 kaffaltan malee gadi isin hin dhiisnu jechuun rakkisaa jiraachuu jiraattonni rakkoo kana keessa beekan ONM’tti himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading